Fana: At a Speed of Life!

Beenishaangul Gumuzitti hojiileen damee nageenyaarratti hojjetaman bu’aa argamsiisuun ibsame

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Beenishaangul Gumuzitti hojiilee damee nageenyarratti qindoominaan hojjetamaniin bu’aalee jajjabeessaan galmaa’uun ibsame.

Manni Maree Nageenyaa naannichaa raawwii baatiiwwan ja’aa damechaa bakka Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan argamanitti gamaaggameera.

Gamaaggamichaanis, hojiilee damee nageenyaa fi tasgabbiirratti hojjetameen bu’aalee jajjabeessan galmaa’uun ibsameera.

Hojiilee nageenyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran cinaatti, lammiilee deebisanii dandamachiisuu fi bu’uuraalee misomaa manca’an deebisanii ijaaruuf hojjetama jiraachuun ibameera.

Waliin jireenya ummattootaa cimsuu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiileen hariiroo ummataa cimsuu hojjetamaa jiraachuus ibsameera.

Manni Maree Nageenyaa naannichaa, nageenya waaraa mirkaneessuun humna guutuun misoomatti seenuun hojiilee nageenyaa fi tasgabbii caalmaan cimee akka itti fufu kallattiin kaa’amuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.