Fana: At a Speed of Life!

Biirichi iddoowwan hojii fayyadamtootaaf carraan dabarsee kenne

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)-  Biiroon Hojii Misooma Indaastiriifi Intarpiraayizii Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii iddoowwan hojii garaagaraa fayyadamtootaaf carraan dabarsee kennuu ibsame.

Biirichi iddoowwan hojii sababoota garaagaraan tajaajila hin kenniin hafan, karaa seeraan alaa qabamaniifi fayyadamtootaaf dabarfamanii kennamanii waggoota 5’f tajaajila laatan dabarsee kennuu eerameera.

Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinneefi Hogganaan Biiroo Hojii Misooma Indaastiriifi Intarpiraayizii magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbaay, magaalichatti dargaggoonni hojii dhabdoonni hedduun jiraachuu kaasuun, mootummaan tarsiimoo bocuun iddoowwan hojii dabalatee deeggarsa garaagaraa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan intarpiraayizoonni 102fi sochoostonni 450 fayyadamoo ta’uu eeruun, kanneen keessaa %55 dubartoota ta’uu addeessaniiru.

Warreen yuunivarsiitiirraa eebbifaman, qaama miidhamtoonniifi warreen godaansarraa deebi’an carrichaan hammatamuu ragaan waajjira kantibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.