Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Dhommoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa caasaalee sadarkaa Godinaalee fi Magaalotaa waliin marii gaggeesse

Finfinnee, Qaamme 2, 2012(FBC)- Biiroon Dhommoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa caasaalee sadarkaa Godinaalee fi Magaalotaa waliin marii gaggeesse.

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waltajjii maree gamaaggama raawwii karoora hojii 2012,qophii Karoora hojii bara 2013 fi karoora waggaa 10 akka biyyaatti qabame milkeessuuf qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamatti irratti mari’ateera.

Marii kanaan ciminootaafi hanqinoota raawwii hojii bara 2012 keessatti mul’ataan adda baasuun ciminoota jiru itti fufsiisuufi hudhaaleen mana hojjiichaa keessatti mul’ate hojii bara dhufu keessatti furamuu akku qabu ibsameera.

Waltajjii marii guyyaa har’aatiinis, gabaasani raawwii hojiifi karoorri ka’uumsaa hojii komunikeshinii dhiyaatee jira.

Obbo Geetachoo Baalchaa haasaa taasisaniin ” sirna odeeffannoo si’ataa , waqtaawaa fi bifa hammayyaa ta’een diriirsuun odeeffannoo mootummaa uummata bira yeroon qaqabsiisuun barbaachisaadha” jedhan.

Caasaan komunikeeshinii maqaa gaarii naannichaa roga gaariin ijaaruun haqa qabeessummaa fi amanamummaan faaydaaf dantaa ummata bal’aa karaa eeguun cimsanii hojjachuun murteessadha.

Hooggansaa fi ogeessi komunikeeshinii sadarkaan jiru haala jiru qorachuu fi xiinxala gaggeessuun rakkoo uumamuun malu hambisuu qabas jedhan obbo Geetaachoon.

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka beeksisetti, yaada uummataa sasaabuufi waltajji uumuun gaaffii uummataaf deebii kennuun barbaachisaadhas jedhan.

Hojii midiyaa xiyyeeffannoon qindeessuu fi midiyaatti fayyadamuun hojii naannoo keenyaati hojjetamaa jiru beeksisuu fi maqaa gaarii naannoo keenyaa ijaaruu irrattis caasan sadarkaan jiru qindoominaan hojjachuu akka qabus dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.