Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Konfiransii Qorannoofi Qo’annoo Fayyaa marsaa 2ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa Konfiransii Qorannoofi Qo’annoo Fayyaa marsaa 2ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Qorannoofi qo’annoo kanarratti Ministeerri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa dabalatee hooggantoonni mootummaa federaalaafi naannoo, hayyoonni, bakka buutoonni dhaabbilee fayyaa garaa garaa, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee argamaniiru.

Kenniinsa tajaajila fayyaa naannichaa fooyyessuuf konfiransiin gaggeeffamaa jiru murteessaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa himaniiru.

Komii hawaasni kenniinsa tajaajila Fayyaarratti qabu furuuf qorannoofi qo’annoon konfiransicha irratti dhiyaatan yaada qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Tajaajilli fayyaa uummataaf kennamu sektara tokkoon milkaa’uu akka hin dandeenye kan dubbatan Dooktar Mangistuun karoora qabame dhugoomsuuf hirmaannaa qooda fudhattootaafi hawaasaa kan gaafatu ta’uu eeraniiru.

Konfiransichi tajaajila fayyaa kennamu qulqullinaafi ariitiidhaan hawaasaaf qaqqabsiisuu keessatti hiikkaa olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.

Rakkoowwan sektarri fayyaa qabu adda baasuun furmaata akka argatan gochuuf qorannoowwan akkanaa murteessaa ta’uu dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.