Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Misoomaa Qabeenyaa Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa leenjii hubannoo uumuu HIV/ADIS fi Koorniyaa Idileessuu Qaama Dhimmi ilaallatuuf kenne

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Biiroon Misoomaa Qabeenyaa Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa leenjii hubannoo uumuu HIV/ADIS fi Koorniyaa Idileessuu Qaama Dhimmi ilaallatuuf kenne.

Leenjii hubannoo uumuu HIV/AIDS fi koorniyaa idilleessuu irratti argamuun haasaa baaniinsa kan taasisaan Daayreektarri Odiitii obbo Namee Sooreessaa ,kaayyoon leenjichaa dhimma HIV/AIDS fi koorniyaa idileessuu hojii qaama taasisuuf jedhan.

Akkasumas, dhimmi HIV/AIDS akka biyyattis ta’ee akka seektarichaatti dagatamaa waan jiruuf hojjettoonni biirichaa bakka hojiif deemaan hundatti hojii hubannoo uumuu akka hojjetaniif jedhan.

Leenjichi ogeeyyii biiroo fayyaan kan kenname ta’uu ibsameera.

Hojjettoonni leenjii hubannoo cimsuu kana fudhatan baay’een isaanii hojjettoota hojii badhee oolaan waan ta’eef bakka ga’anitti hubannoo argatan hawaasaaf qooduu akka qaban daayreektarichi ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.