Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa too’annoo hoomaa Aawaannisaarratti taasisaa jiru karaa qindoomina qabuun cimsee itti fufee jira

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) -Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa too’annoo hoomaa Aawaannisaarratti taasisaa jiru karaa qindoomina qabuun cimsee itti fufee jira.

Biirichi guyyaa har’aa Godina Arsii Aanaalee Loodee Hexoosaa, jajuu fi Siree kiissetti hoomaa Awwaannisaa mul’ate xiyyaara lamaan rukkuta jiraachu ibseera.

Guyyoota lamaan kanatti hoomaa awwaannisaa Godina Arsii keessa baasuuf hojjechaa jiraachuu eereera.

Guyyaa kaleessaa hoomaa awwaannisaa Godina Arsii Aanaa Doddotaatti, Aanas Jajuufi Aanaa Loodee Hexoosaattii mula’ate xiyyaara, “car mounter” fi “motor spray” gargaaramuun biiffaa keemikaalaa gaggeeffameen Awwaanisa dhabamsiisaa jira.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.