Fana: At a Speed of Life!

Bilbiloonni ismaart  5G bara Faranjoota 2023 gabaa addunyaa walakkaan ni to’aatu jedhameera

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC)- Bilbiloonni ismaart dhaloota 5ffaan (5G) bara Faranjoota 2023 gabaa addunyaa walakkaan ni too’atu jedhameera.

Weerara vaayrasii koroonatin diinagdeen miidhaamuu fi hanqinni feedhii bittoota jiraatuus 5G yeroo ammaa maamiltoota isaaf oomisha bilbiloota ismaartiin dursa qabatee turuu ibsameera.

Biyyoonni teeknooloojii 5G irratti tattaffii isaanii wayita cimsaanitti bilbiloonni ismaart 5G hanga Faranjoota 2023 gabaa addunyaarra jiruu %50 ni qabatu jedhamee akka eegamu gabasni tokko ifoomseera.

Gama biraatin ammoo akka ragooleen muuldhisaanitti bara Faranjoota 2020 gabaan waggaa bilbiloota ismaart %9.5 ni hir’ataa jedhameet eegama.

Maddi:-CGTN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.