Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuuwwan eeggannoo olaanaan qopheeffamaa jiru-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)-Barana yeroon biqiltuu dhaabuu dhiyaachaa waan jiruuf biqiltuuwwan dhaabaman eeggannoo olaanaan qopheeffamaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, hojiin Ashaaraa Magariisaa, biqiltuu dhaabuu garasitti bosona duraan turanii fi lubbu qabeeyyiif kunuunsa taasisuudha.

Akkasumas quubsumoota miidhamanii fi manca’an akka deebi’aniif, sirna uumamaa cimsuu kan ilaallatu akka ta’e kaasan.

Kanaaf, yeroon biqiltuu dhaabuu baranaa dhiyaachaa waan jiruuf biqiltuuwwan eeggannoo olaanaan qopheeffamaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.