Fana: At a Speed of Life!

Biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf kaffaltoonni gibiraa qooda isaanii ba’uu qabu jedhame

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf kaffaltoonni gibiraa itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an Ministeerri Galiiwwanii waamicha dhiyeesse.
Ministeerri Galiiwwanii kaffaltoota Gibiraa fi qooda fudhattoota waliin marii taasiiseera.
Biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuf kaffaltoonni gibiraa qooda isaanii ba’uu akka qaban Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Niguseen waamicha dhiyeessaniiru.
Bara baajataa darbe Galii Birrii biiliyoona 360 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoona 336.71 walitti qabuun danda’amuu kaasaniiru.
Bara baajataa 2015 ammoo galii Birrii biiliyoona 450 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Aadde Ayinaalem ibsaniiru.
Karooricha milkeessuuf hojiileen hedduun kan hojjetaman ta’uu himaniiru.
Kaffaltoonni gibiraa gibira kaffaluun cinaatti biyya guddisuuf hirmannaa taasiisuu akka qaban gaafataniiru.
Addisuu Mulunahitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.