Fana: At a Speed of Life!

Biyya misoomsuu fi jijjiiruuf tumsii fi walkabajuun ni barbaachisa – Aadde Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2013 (FBC) – Biyya misoomsuu fi jijjiiruuf tumsii fi walkabajuun, gadi of qabanii hojjechuu fi dhaamaatii gaafata jedhan itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee.
Itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee fi itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdawaa dabalatee miseensoonni boordii fi deeggartoonni waldichaa konfaransii waggaa Waldaa Misooma Guraageerratti argamaniiru.
Aadde Adaanachi, ergaa Konfaransii kanarratti dabarsaaniin biyya misoomsuu fi jijjiiruuf tumsii fi walkabajuun ni barbaachisa jechuun dubbataniiru.
Aadaan hojii jaalachuu saba Guraagee hundaaf fakkeenya ta’uu kan danda’uudha kan aadde Adaanachi, magaalaan Finfinnee harka baay’ee hojjetu barbaaddi jedhan.
Ityoophiyaan akka badhaatu miseensoonni waldichaa dhuunfaa fi waloon hojjechuu qabu jedhaniiru.
Waldicha misoomsuuf tattaaffii taasiifamu kamiiyyuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee kan deeggaru ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.