Fana: At a Speed of Life!

Biyyi dingadeen cimtee akka itti fuftuuf indaastiriiwwan oomishtootaa cimoo barbaachisa-Obbo Malaakuu Allibal

Finfinnee, Amajjii 27, 2015 (FBC)- Biiroon Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa, Mata duree “Ityoophiyaan Haa Oomishtu; Oromiyaan Haa Oomishtu; Shaggar Haa Oomishtu” jedhuun damee indaastirii fi invastimantii dadamaqsuuf waltajjiin sosochii abbootii qabeenyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Aallibal biyyi diinagdeen cimtee akka itti fuftuu fi lammiilee galii giddugaleessaa argatan horachuuf indaastiriiwwan oomishtootaa cimuu barbachisa jedhaniiru.

Kanaaf rakkoolee indaastiriiwwan oomishtootaa furuu fi damechaaf xiyyeeffannaa kennuuf sadarkaa biyyaalessaatti kan hojiirra oolaa jiru sosochii ‘Ityoophiyaan haa oomishtuu’ bara darbee eegaluu yaadachiisan.

Sosochichi erga eegalee booda damecharratti jijjiiramni dhufuu kaasanii, indaastiriiwwan hojii dhaabanii turanis gara hojiitti seenuu himan.

Indaastiriiwwan hojii dhaabanii turan 200 hojii eegaluu fi damechi bu’aa qabeessa ta’ee biyyaaf gumaacha akka taasisu hoggansii fi abbootiin qabeenyaa qindoominaan hojjechuun rakkoolee damechaa furuu qabu jedhan.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti pirojektoonni Invastimantii kuma 4 ol jiraachuun eerameera.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.