Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Afrikaa hedduun tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfii fudhachaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Biyyoonni Afrikaa hedduun tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfii fudhachaa jiru.

Biyyoonni Afrikaa tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachaa jiru jedhame.

Haaluma Gaanaan daawwattoota biyyoota dhibichi itti muul’aterraa dhufan gara biyyattii akka hin seenne dhorkiteet jirti.

Afrikaan Kibbaas labsii yeroo ariifachiisaa labsuun daangaa ishee cufteerti jedhame.

Keessattuu lammiileen Chaayinaa, Iiraan, Xaaliyaan, Ispeen, UK fi Ameerikaarraa dhufan gara biyyattii akka hin seenne dhorkuu isheetu ibsame.

Keeniyaan gama isheetin imala biyya keessaa dabalatee lammiileen biyyoota vaayrasiin kun keessatti muul’aterraa dhufan kamiyyuu gara biyyattii akka hin galle daangaa cufteerti.

Hanga ammaatti vaayrasiin kun kan keessatti hin muula’nnee Jiibuutii fi Taanzaaniyaanis  balallii idila addunyaa kamuu dhaabaniiru.

Moorookoonis balallii idila addunyaa kamiiyyuu dhaabuu beeksiiftee jirti.

Libiyaan guyyaa har’aa eegalee sosochii daandii qilleensaa fi daangaa hunda dhorkuu ibsiteerti.

Tuuniziyaanis daangaan biyyattii hunda akka cufamuu fi kadhannaa manneen amantaa dabalatee waltajjiiwwan gurguddoon kamuu akka hin gaggeeffamne labsiteerti.

Aljeeriyaa fi  Moozaambikis vaayrasicha ittisuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachaa jiru jedhame.

Maddi:- BBC

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.