Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Awrooppaa guyyaa tokkotti lakkoofsa du’aa olaanaa galmeessisan

Finfinee, Bitootessa 7, 2102 FBC) – Biyyoonni Awroopaa guyyaa tokkotti lakkoofsa du’aa olaanaa galmeessisan.

Biyyoonni Awrooppaa hanga har’aatti guyyaatti ammeentaa du’aa kanaan dura galmeessisanii hin beekne sababii vaayrasii koroonaatin galmeessisaniiru.

Xaaliyaan guyyaa kaleessaa qofa lammiilee 368 kan dhabde yoo ta’u, Ispeen ammoo lammilee 97 dhabdeetti.

Faransaayitti namoonni 29 yoo du’an, Ingiliizitti  ammoo 14 du’aniiru.

Sababa vaayrasichaaf manneen barnoota  hedduun cufamaniiru.

Addunyaarratti namoonni kumni dhibbi 1 kumni 62 fi 687 vaayrasichaaf yoo saaxilaman, kumni 6 fi 65 ammoo du’aniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Awrooppaan giddugala vaayrasichaa ta’aa dhufuu ibsaniiru.

Afrikaan Kibbaas tamsa’ina vaayrasichaatin waliin walqabsiisuun daangaa biyyoota vaayrasichi itti heddummaatu cufteetti.

Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan labsii yeroo muddamaa labsaniiru.

Haaluma walfakkaatun Ruuwaandaan bakkeewwan waaqeffannaa fi manneen barnootaa akka cufamaniif muurteessiteetti.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.