Fana: At a Speed of Life!

Boorana Aanaa Elwayyeetti margi lafa hektaara 642 irratti misoome haamaaf qaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Godina Booranaa Aanaa Elwayyeetti margi hektaarri 642 irratti misoome haamaaf qaqqabuu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii beeksise.

Nyaanni beeyladaa hektarri 642 misoome kun Pirojektii Fooyyessaa Jireenya Naannwaa Gammoojji Ministeerichaan hojiirra oolaa jiruun ta’uun ibsameera.

Nyaanni beeyladaa misoome kunis Abbootii warraa kuma tokkoo fi beeyladoota kuma 100 ol fayyadamtoota taasisa jedhameera.

Misoomni nyaata beeyladoota kun horsiisee bultootaa naannawichaa gurmeessuu fi tuttuqqarraa walabaa taasisuun kan misoome ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.