Fana: At a Speed of Life!

Booranaatti lammiileen kumni 604 ol deeggarsa namoomaa barbaadu jedhame

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC) – Godina Booranaatti sababa hongee muudateen lammiileen kumni 604 ol deeggarsa namoomaa kan barbaadaan ta’uu bulchiinsi godinichaa beeksiise.

Deeggarsa mootummaan dhiyeessuun dabalataan dhaabbilee fi kutaaleen hawaasaa deeggarsa akka taasiisan waamichi dhiyaateera.

Godinichatti sababa hongee muudateen namaa fi beelladarra miidhaa cimaan ga’aa jiraachuu bulchiinsichi ibseera.

Yeroo ammaa lakkoofsi jiraattoota deeggarsa namoomaa barbaadanii kuma dhibba 6 fi kuma 4 ga’uu Itti aanaa Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdullasalaam Waariyoon Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Baatii Muddee, 2015 eegalee gama mootummaan deeggarsi baatii jahaaf itti fufu qophaa’uu eeraniiru.

Akka fakkeenyaatti baatii Muddee Qamadiin Kuntaalli kumni 90 fi 600 ol, Zayinni nyaataa liitirri kumni 2 fi 718, Atarri Hororame kuntaalli kumni 9 fi 600 hawaasa hongeen miidhamaniif dhiyaachuu himaniiru.

Bishaan dhugaatii hanga danda’ame Konkolaataan dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuu isaan deeggarsi taasiifamu cimuu akka qabu gaafataniiru.

Yohaannis Darribowutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.