Fana: At a Speed of Life!

Boordichi galmee filattootaaf kan oolu bittaa meeshalee garagaraa xumuruu ibse

Finfinnee Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Boordii filannoo biyyooleessaa Ityoophiyaa galmee filattootaaf kan oolu bittaa maxxansaa fi meeshalee garaagaraa xumuruu beeksiseera.

Boordichi meeshalee kanneen eegumsa cimaan mana kuusaa daandii qilleensa Ityoophiyaa galchee xumuruu ibseera.

hojiin meeshalee kanneen ramadu dhiyootti kan eegalamu ta’uus ifoomseera.

Kanaan dura guyyaan kenniinsa sagalee Adoolessa 10,2012 akka gaggeeffamuuf yaadni murtoo dhiyaachun ni yaadatama.

Yeroon filannoo akka dheereffamu gaaffii dhiyaate yaada keessa galchinus, ija seeratiin garuu guyyaan kenniinsa sagalee Hagayya 23,2012 akka ta’u walitti qabduun boordiin filannoo biyyoolessaa Burtukaan Miidhagsaa himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.