Fana: At a Speed of Life!

Boordichi garee taajjabdoota filannoo idil addunyaa 2f beekkamtii laate

Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) –Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa garee taajjabdoota filannoo idil addunyaa 2f beekkamtii laachuu beeksiise.
Boordichi garee Taajjabdoota filannoo idil addunyaa Inistiityuutii Rippaablikaanii(IRI) fi Inistiityuutii Diimookiraatiik (NDI) jedhamaniif beekkamtii laachuu isaa ragaan Boordicharraa argame ni agarsiisa.
Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa dhaabbileen siiviilii Hawaasaa biyya keessaa 45n filannoo marsaa 6ffaa akka taajjaban beekkamtii laachuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.