Fana: At a Speed of Life!

Boordichi murtoo uummataa godinaaleefi aanaalee addaa naannoo Uummattoota Kibbaatti gaggeessuuf galmee filattootaa uummataaf banaa taasise

Finfinnee, Mudde 27, 2015 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessa  murtoo uummataa godinaalee 6 fi aanaalee addaa 5 naannoo Uummattoota Kibbaa jala jiranitti gaggeessuuf galmee filattootaa uummataaf banaa taasisuu ibse.

Boordichi murtoo uummataa godinaalee Koonsoo, Oomoo Kibbaa, Walaayittaa, Gaamoo, Geedee’oofi Goofaa akkasumas aanaalee addaa Burjii, Baaskeettoo, Alee, Amaaroofi Diiraasheetti Amajjii 29, 2015 gaggeesuuf galmee filattootaa Muddee 11-26,2015tti gaggeessaa ture xumuruu hordofee guyyoota 5’f uummataaf banaa taasisuu boordichi ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.