Fana: At a Speed of Life!

Boordiin hojii raawwachiisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bakka bu’aan Ityoophiyaa yaada akka hin laanne taasiisuun fudhatama hin qabu – Ministeera Alaa

Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC) – Boordiin hojii raawwachiisaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bakka bu’aan Ityoophiyaa yaada akka hin laanne taasiisuun fudhatama kan hin qabne ta’uu Ministeerri Dhimmaa Alaa ibse.

Ityoophiyaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa namuusa Daayreektara Olaanaa dhaabbatichaa qorachuu akka qabu komii dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

Ityoophiyaan kana dura Afrikaa fi biyyoota michuu biroo qindeessuun daayreektara dhaabbatichaaf akka kaadhimaman dhiyeessitus sababa waraana Kaaba biyyattiin eenyummaan isaanii saaxilamuun garee shororkeessaa ABUTtiif loogaa jiraachuun ifoomeera.

Itti gaafatamummaa qabaniin garee shororkeessaaf olola tamsaasaa jiraachuu isaanii Ministeetichi ibsa galgala kana baaseen himeera.

Loogiin taasiisaa jiran namuusa dhaabbatichaan kan wal faallessuu ta’uu isaan Boordiin hojii raawwachiiftuu dhaabbatichaa gochaa isaanii kana qorachuu akka qabu Ityoophiyaan iyyattus boordichi gaafficha fudhatee ilaaluu osoo qabuu bakka bu’aan Ityoophiyaa dhimmicha ilaalchisee ibsa akka hin taasiifne dhorkuun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.

Biyyoota miseensa dhaabbatichaarratti gochaan akkanaa raawwatamuun fudhatama kan hin qabne ta’uu Ministeerichi eereera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.