Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa ifoome

Finfinnee, Amajjii 18, 2015 (FBC) – Bu’aan qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2014 guyyaa har’aa ifoomuu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee beeksise.

Barattoonni bu’aa qormaata isaanii guyyaa har’aa galgala sa’aatii 5:00 irraa eegalee gama marsaritii

https://eaes.edu.et/ yookaan ammoo toora ergaa gabaabaa  6284 lakkoofsa galmee Registration Number) isaanii galchuun  akkasumas gama teelegiraamii   https://t.me/eaesbot ilaaluu kan danda’an ta’uu eerameera.

Barattoonni komii qaban qaamaan dhiyaachuun osoo irraa hin eegamiin gama marsaritii tajaajilichaa https://eaes.edu.et’n hanga Amajjii 26, 2015’tti komii isaanii dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu yaadachiifameera.

Barattoonni teessoo tajaajilichaa qofaa akka fayyadamaniifi qaamolee odeeffannoo dogoggoraa tamsaasan irraa akka ofeeggatan tajaajilichi hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.