Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Sagantaan Ispoortii Hundaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti sagantaan sosochii Ispoortii mata duree’ Ispoortii hundaa fayyummaa hawaasaatiif! jedhuun gaggeeffameera.

Hawaasa fayya buleessa qabaachuun milkaa’ina misoomaa gama hundaan mirkaneessuun kan danda’amu sochiin qaama ittifufiinsaan yoo hojjetame jedhan itti gaafatamaa waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Shaggar Obbo Naasir Huseen.

Hojiin Ispoortii hundaa kutaalee magaalotaa 12’n irratti idilaa’uun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Bulchaan kutaa magaalaa Kuraa Jiddaa Obbo Baqqalaa Dachaasaan Ispoortiin jaalala, nagaa fi fayyummaa ta’uurra darbee dargaggoota ga’umsa qaban horachuurraatti qooda olaanaa qabaachuu kaasuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Shaggarirraa argame ni mu’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.