Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa Sudaanirraa ka’uun Ityoophiyaarratti yaalii haalleellaa raawwataa Kaartuun hinobsituuf-Jeneraal Alburhaan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015(FBC)- Bulchiinsa Sudaanirraa ka’uun Ityoophiyaarratti qaamolee yaalii haalleellaa raawwataan Kaartuun hinobsituuf jechuun Pireezidaantiin mana mare ce’umsaa birmadummaa Sudaan Jeneraal Abdulfattaa Alburhaan dubbatan.

Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Abdulfattaah Alburhaan waliin Kaartumitti mari’ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota waloo biyyoota lameenii fi naannawaarratti marii bu’a qabeessa taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Biyyoonni lameen dhimmoota naannawichaarratti walta’iinsaan yeroo kamuu caalaatti walitti dhiyeenyaan waliin hojjechuuf waliigaluun eerameera.

Jeneraal Abdulfattaa Alburhaan, mootumma Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti waliigalteen mallatteeffamuutti gammachuu isaanii ibsanii, hojiirra oolmaa waliigaltechaaf deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa kanneen gufachiisan akkasumas bulchiinsa Sudaan irraa ka’uun yaalii haleellaa Ityoophiyaarratti qaamolee aggaamaniif Sudaan obsa kan hinqabneef ta’uu ibsaniiru.

Rakkolee daangaan walqabatanii ka’an humnaan furuuf yaalii taasifamus, furmaata waaraa kan hinfidne waan ta’eef akkaataa kanaan dura biyyoonni lameen waliigaltee mallatteessaaniin rakkoo daangaa lameenii furuuf waliigaluu eerameera.

Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ilaalchisees walta’iinsa gaarii ityoophiyaa fi Sudaan gidduu jiruun marii gamsadeeniin furuuf tattaaffiin taasifamu gumaachaa gaarii akka qabu amantaa isaanii ibsaniiru.

Akkasumaas naannawaa daangaatti daddabarsaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa, namootaa fi baala hadoochituu waloon ittisuuf waliigalaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.