Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Baayidaan dhimma hidha Haaromsaarratti yaada faayidaa Ityoophiyaa faalleessuu akka hin hordofne abdiin qaba – Ambaasaaddar Alamaayyoo

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)- Bulchiinsi Preezdaantii Ameerikaa haaraa Joo Baayidaan dhimma hidha Haaromsaarratti yaada faayidaa Ityoophiyaa faalleessuu akka hin hordofne abdiin qaba jechuu Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyoo Taganuu ibsaniiru.
Ambaasaaddaar Alamaayyoon dhaabbata miidiya Raashiyaa “Suptnik Arabic” jedhamu waliin afgaaffii taasisaniiru.
Ambaasaaddarichi miidiyichaan gaaffiwwan dhimmoota Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa, dhimma waqtaawaa daangaa Sudaan waliinii jiru, talaallii covid-19 Raashiyaatti dhiyaatee fi tumsa Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jirurratti ka’eef deebii laataniiru.
Bulchiinsi preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidaan marii Hidha haaromsaa guddichaa ilaalchisee akka mootummaan duraa taasiseetti dhimma hidha Haaromsaarratti yaada faayidaa Ityoophiyaa faalleessuu akka hin hordofnee abdiin qaba jechuun himaniiru.
Ityoophiyaan dhimmoota hunda gama hidhichaan jiran karaa dhaabbata Afrikaatin akka hiikamuu ni amantii jedhaniiru.
Gaaffi dhimma daangaa Sudaan waliin jiru dhiyaateef deebii kan laatan ambaasaaddarichi, hanga ammatti mootummaan Ityoophiyaa loltumma kamirrayyuu marii fi fala waraawaa kan filatuu ta’uu ibsaniiru.
Biyyoonnii lamaan burjaajjii daangaarra darbee dhimmoota waloo fi hariiroo uummattoota cimaa qabu jedhaniiru.
Dhaabbata miidiya Raashiyaa “Suptnik Arabic” gaaffii Raashiyaan oomishaama kan jiru talaallii vaayrasii koroonaa ka’eefin deebii laataniin, weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi balleessuuf Ityoophiyaan dula hawaasni idil addunyaa taasisuu keessaa qaama tokko ta’uusheen karaa seerrii Ityoophiyaa eeyyamuun waliigaltee taasisuun talaallicha gara Ityoophiyaa galchuuf haalli akka mijatuu feedhiin jiraachuu ibsu ragaan waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.