Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Ityoophiyaa fi Azaarbaajaan tumsaa, birmadummaa fi tokkummaa kabajuurratti  kan bu’uureeffateedha

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Ityoophiyaa fi Azaarbaajaan tumsaa, birmadummaa fi tokkummaa kabajuurratti  kan bu’uureeffatee ta’uu Ityoophiyaatti eeggataan Ambaasaaddara biyyaatti Ruusilaan Naasiiboov ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi turtii Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin taasisaniin, Bulchiinsi Ityoophiyaa fi Azaarbaajaan tumsaa, birmadummaa fi tokkummaan kabajuurratti kan bu’uureeffate ta’uusaan hariiroo qabu jedhaniiru.

Kana qofaas osoo hin taanee dhimma biyya tokko keessaa giddugaluu dhabuu jedhuun hoggansa biyyoota idil addunyaa tilmaamama keessaa kan galchee ta’u himaniiru.

Biyyoota lamaan gidduu dhimmoota idil addunyaarratti tumsi jiru cimaa ta’uu ibsuun, Ityoophiyaan deeggarsa Azaarbaajaaniif taasifteef galateeffataniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota lameeniis kan eegalee bara Faranjoota 1992dha.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com

/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.