Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa RIBf deeggarsaa Birrii miiliyoona 49 taasise

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa Raayyaa ittisaaf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birrii miiliyoonaa 49 taasiseera.

Deeggarsichaa kaantibaan magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadir Juhaar Ministir Deetaa Ministeera Raayyaa Ittisaa Aadde Maartaa Liwuujiif kennaniru.

Obbo Kadir deeggarsichi yeroo 3ffaa ta’uu dubbataniru.

Deeggarsichi kutaale hawaasa garagaraarraa kan walitti qabame ta’uu eeruun,deeggarsi raayyaa ittisaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’u Obbo Kadir himaniiru.

Birrii miiliyoonni 30 mallaqaan,miiliyoonni 19 immoo meeshaaleen deeggarsa taasiifame ta’uu kaasaniiru.

Ministiri Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Aadde Maartaa Liwuujii hasawaa tasisaaniin, Raayyaan Ittisaa ummata Ityoophiyaa maraaf wareegamaa kaffalaa jiruuf qaamni hundi akka tumsan waamicha dhiyyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.