Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Kibbaatti lammiilee balaa lolaa fi sigiga lafaattiin miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Kibbaatti lammiilee balaa lolaa fi sigiga lafaattiin miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu taasise.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee deeggarsa Maallaqa Birrii miiliyoona 2.5 fi meeshaalee Birrii miiliyoona 1.5 baasu, waliigalaan deeggarsa Birrii miiliyoona 4 Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Naannichaatti Qindeessaan Kilaastaraa Hawaasummaa obbo Haaylamaariyaam Tasfaayeetti laataniiru.

Wayita walharkaa fudhiinsa taasisan Itti Aantuun Kantiibaa Adaanach Abeebee akka ibsanitti lammiileef waliin jireenya, jaalalaa fi tumsa ibsuun yeroo hunda ibsa Ityoophiyummaadha jedhan.

Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantii Naannichaatti Qindeessaan Kilaastaraa Hawaasummaa obbo Haaylamaariyaam Tasfaayee gama isaniin deeggarsa bulchiinsi magaalaa Finfinnee ummata kibbaaf taasisee maqaa ummata naannichaan galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.