Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa Shaggar Waliigalteen Invastimantii 604 addaan cituu beeksise

Finfinnee, Mudde 15, 2016 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Carraa Invastimantii magaalichaa ilaachisee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Hundeeffama magaalaa Shaggar dura Invastimantiin lafa dalleessuu fi hojiitti kan hin galle bal’inaan jiraachuu Kantiibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Koreen Invastimatii hundaa’e alseerummaa magaalichatti jiru adda baasuun tarkaanfiin fudhatamuu kaasaniiru.

Tarkaanfii fudhatatameen waliigalteen Invastimantii 604 addaan cituu ibsaniiru.

Waggaa shanii ol ijaarsa keessa kan ture, Kan kireessee fi lafa duwwaa maqaa abbaa qabeenyummaatiin qabatanii kan taa’an seera cabsuu irraa kan ka’e waliigalteen kun haqamuu himaniiru.

Invastimantii 1602 ammo of eeggannoon kennamuu Dooktar Tashoomaan dubbataniiru.

Invastimantiin1062 warreen lafa isaaniif hin eeyyamamne qabatanii turanirratti tarkaanfiin fudhatamuun lafti gara Baankii lafaatti deebi’uu himaniiru.

Bu’a qabeessummaan investimantii dabaluuf rakkoo bulchiinsa lafaa wajjin wal qabutu furuuf xiyyeeffanoon kan hojjetamu ta’uu eeruu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.