Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaaa Finfinnee Ijaarsa Hospitaalota waliigalaa lamaa eegalchiise

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo fi Kolfee Qaraaniyootti Hospitaalota waliigalaa lama ijaaruuf guyyaa har’a ijaarsa isaa eegalchisaniiru.
Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti ijaaramu, “Hospitaala Waliigalaa Laaftoo” kan kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaaramu, ” Hospitaala Walii galaa Beetel Mandiidaa” jedhamuun moggaafameera.
Sagantaa ijaarsa jalqabsiisuu kana irratti Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministira Fayyaa Dooktar Liyyaa Taaddasaa argamaniiru.
Hospilaalonni waliigalaa baajata walfakkaataa tokko tokkoo isaanii Birrii Miliyoona 500 fi Miiliyoona 48 oliin ijaarama jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.