Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa abbootii carraaf furtuu manneen waliin jireenyaa dabarsee kenne

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) –Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, manneen waliin jireenyaa 20/80 marsaa 13ffaa fi  40/60 marsaa 2ffaan naannoo saayitii Tuuristiitti ijaaramaa turan abbooti carraaf furtuu dabarse kenneera.

Manneen kunneen kanaan dura carraan irratti bahe, abbootiin carraa furtuu osoo hin fudhatiin warreen turan ta’uu ibsameera.

Sagantaa har’atiiniis namoota carraan bahee eeggachaa turaniifi furtuun manaa kennamefira.

Manneen Saayiticharratti ijaaramaa turan, bilookii 11 fi  kutaalee manneeni kuma 1fi 930 of keessatti hammataniru.

Manneen jalqabamanii hanga ammaatti hin xumuramne xumursiisuun, abbootii carraaf dabarsuuf bulchiinsi magaalichaa hojjachaa jiraachuu  sadarkaa itti aantuu kantibaatti, Hoggantuun Biiroo Misooma Manneenii fi Bulchiinsaa Aadde Yaasmiin Wahiibrabbii himaniru.

Hanqina manaa magaalattiin qabdu furuuf yeroo ammaa manneen karaa salphaa ta’een ijaaramanii xumursiisuf, manneen kuma 5, naannoo Aqaaqitti jalqabamaa akka jirus himaniru.

Namoonni kuma 12 ol waldaa ijaarsaa mana jireenyaan gurmaaa’ani akka ijaaratan bulchiinsi magaalichaa haala mijeessaa akka jiru ibsamuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.