Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa fi ministeerichi waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Hagayya 9, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dhimmoota hojii waloorratti mari’atan.
 
Bulchiinsi magaalichaa fi ministeerichi dhimmoota tumsaan hojjechuu qabanirratti mari’ataniiru.
 
Proojaktoota bishaanii magaalichi hojjechuuf karoorserrattis mari’ataniiru.
 
Tumsichi proojaktoota haaraa eegalchiisuuf faaynaansii barbaaduu fi deeggarsa teeknikaa kan dabalatudha.
 
Dabalataan uwwisa elektiriikaa magaalattii guddisuun haala danda’amurrattis mari’ataniiru.
 
Qonna magaalatiif jallisii fi filmaata biroo barbaaduurrattis haasa’aniiru.
 
Hojii dhangala’aa magaalattii hojjetamaa jiru tumsuurrattis yeroo fudhataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.