Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa nannaawaa hara Dambal misoomsuuf hojjetaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 1, 2015 (FBC) – Nannaawaa haraa Dambal misoomsuufi xeyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Bulchinsi magaalaa Baatuu Beeksiseera.

Bulchinsi magaaalicha naannawaa harichaa misoomsuufi ogeeyyii biyya keessaa fi alaa waliin qorannoowwan dizaaynii waggaa tokkoo oliif gaggeessaa turu kantiibaan magaalaa Baatuu Obbo Gazanyii Darajjee himaniiru.

Hojiilee naannawichatti hojjetamu milkeessuuf bulchinsi magaalaa Baatuu Birrii miiliyoonaa 80 ramadee hojiitti galuu Obbo Gazanyi eeraniiru.

Naannawaan hara Dambal haalaan misoomuu dhaabuun guddina magaalaa Baatuutti gufuu ta’uu dubbataniiru.

Hojiilee eegalaman baatiwwan shaniin dhufan keessatti xumuramuuf hojjetamaa jira jedhan.

Kana malees naannawaa harichatti Abbootii qabeenyaa biyya keeessaafi alaa hirmaachisuun hojiiwwan ijaarsa Riizoortii fi kanneen biroo eegalamuu himameera.

Hojiin misooma hara Damabal yeroo xumuramuus jiraattoota magaalicha walakaa olii ta’aniifi carraa hojii ni uuma jedhan Obbo Gazanyi.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.