Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoofi Korporeeshiniin Intel waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoofi Korporeeshiniin Intel waliin hojjechuuf sanada waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigaltichaan ijaarsa dandeettii misooma humna namaa, nageenya saayibarii, qorannoofi qo’annoo, imaammata saayibariifi tarsiimoowwan isaarratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Ittaantuun Daayrektara Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo aadde Tigist Hamiid, qorannoofi qo’annoo akkasumas misooma saayibariirratti korporeeshinicha waliin hojjechuuf bulchiinsichi fedhii qabaachuu eeraniiru.

Daayrektarri Biiznas Konsamshinii Intel   damee Awurooppaa, Giddugala Bahaafi Afrikaa Noorbeertoo Antooniyoon gamasaaniin, Ityoophiyatti damee qorannoofi qo’annoo akkasumas  nageenya saayibariin muuxannoo fooyya’aa fi hojiilee jajjabeessaa ta’an arguu kaasaniiru.

Korporeeshinichi hojiilee qorannoofi qo’annoo akkasumas ijaarsa dandeettii humna namaa irratti  Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.