Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsoti Yuunayitid Isteet talaallii Covid-19 ji’a Sadaasaa keessa raabsamuuf akka of qopheessan itti himame

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) – Bulchiinsoti Yuunayitid Isteet talaallii Covid-19 ji’a Sadaasaa keessa raabsamuuf akka of qopheessan itti himame.

Filannoon Ameerikaa gaggeeffamuuf guyyoota muraasa dura talaallii kana rabsuuf karoorsuun garuu shakkii uumeera.

Dhaabbatni Ittisa fi To’annoo Dhukkubaa Ameerikaa (CDC)n qondaalotni fayyaa kutaa biyyaa 50 talaallii Sadaasa, 1 rabsamuuf akka qophaa’an himeera.

Dokimantiiwwan sadii haalawwan talaalliiwwan maqaan adda hin baane akka raabsaman himu Hagayya 27 ergameera.

Qajeelfamani ergame kun talaallichi ogeessota fayyaaf, warreeen umriin isaanii 65 ol taheefi dhukkubichaaf haala adda taheen saaxilamaniif dursa kenna.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.