Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaama miidhamtootaf gargaarsa taasise

Finfinnee, Bitootessa 20, 2012 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaama miidhamtootaf gargaarsa taasise.

Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Injiinaar Taakkalaa Uumaa, Feedereshinii Waldaa Qaama Midhamtootaa Biyyaaleessa Ityoophiyaatiif meeshaalee vaayiiraasii koroonaa to’achuuf gargaaran kennaniru.

Gargaarsiichi, feedereshiini qaama miidhamtootaatif kan kenname yoomuu ta’u gama waldiichaatin qaama miidhamtootaaf kan raabsamuu ta’as jedhameera.

Gargaarsii bulchiinsi magaalichaa gumachees nyaata fi meeshaalee qulqullinaa qaama eggachuuf fayyadan akkasuumas lafa kaaree meetrii kuma 3 irratti gamoo ijaarsisee waldiichaaf akka kennuus waajirrii kantiibaa magaalichaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.