Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Elektirikaa Amboo eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) – Buufanni Elektirikaa Amboo rakkoo humna elektirikaa godina Shawaa Lixaa fi naannaawwaa Amboo furuuf shoora olaanaa qabaachuu himame.
Guyyaa har’aa kan eebbifame buufanni Elektirikii Amboo anniisaa Meegaa Waatii 50 baachuu danda’a jedhameera.
Ijaarsa isaaf birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 10 baasii kan itti buufanni kun jiraattoota godina Shawaa Lixaa fi magaalaa Amboof faayidaa guddaa akka qabu hojii gaggeessaa olaanaan tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa obbo Shifarraaw Taliilaan dubbatniiru.
Buufatalee akka naannoo Oromiyaatti ijaarramaa jiran 9 keessa tokko kan ta’e buufanni kun jiraattoota Amboo fi naannawaa isheef akkasumas misooma Indaastirii babal’isuuf faayidaa olaanaa qabaachuu Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan sirna eebba buufaticharratti dubbataniiru.
Hojjennee jijjiirramuu yoo hin dandeenye gatii hin qabnu waan ta’eef, cimanii hojjechuun hundarraa eegama jedhan.
Haamtaamuu Taklasillaaseetuun gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.