Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Raabsa Humna Elektirikii Bu’ii eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa Godina Guraageetti Buufanni Raabsa Humna Elektirikii Bu’ii eebbifame.
Sirna eebbichaarratti itti aanaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw, Hojii Raawwachiisaa Tajaajila Humna Elektirikii Ityoophiyaa obbo Shifarraaw Taliilaa, hoggantoonni mootummaa olaanoo naannoo Kibbaa, jaarsooliin biyyaa fi dureewwan amantaa argamaniiru.
Buufatichi Magaalaa Bu’ii dabalatee magaalotaa fi gandoonni baadiyyaa 22 uwwisa Elektirikii akka argatan taasiisa jedhameera.
Proojektichi deeggarsa maallaqaa Baankii Misooma Afrikaarraa argame Doolaara Miiliyoona 7 fi kuma dhibba 1 fi kuma 54, akkasumasa baajata mootummaa Birrii miiliyoona 39 fi kuma dhibba 3 fi kuma 20 oliin kan hojjetame ta’uu ibsamera.
Taammiruu Kaffalenyitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.