Fana: At a Speed of Life!

Buufataaleen Filannoo hedduun galmee filattootaa hin eegale

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Haalli waliigalaa Buufataalee galmee filattootaa eegalanii fi hin eegallee akka armaan gadiitti dhiyaateera.
1. Oromiyaatti Buufataalee Filannoo jiran kuma 17 fi 623 keessaa buufataaleen kumni 8 fi 545 galmee filattootaa eegalaniiru.
2. Magaalaa Finfinneetti buufataalee Filannoo jiran kuma 1 fi 848 keeessaa buufataaleen filannoo kumni 1 fi 662 galmee filattootaa eegalan.
3. Naannoo Afaariitti buufataalee Filannoo jiran kuma 1fi 432 keeessaa kan galmee filattootaa eegale hin jiru.
4. Naannoo Amaaraatti buufataalee Filannoo jiran kuma 12 fi 199 keeessaa buufataaleen kumni 6 fi 558 galmee filattoota eegalaniiru.
5. Beenishaanguul Guumuuzitti buufataalee Filannoo 699 jiran keeessaa buufataaleen 286 galmee eegalaniiru.
6. Gaambeellaatti buufataalee Filannoo 431 jiran keessaa buufataaleen 383 galmeessuurra jiru.
7. Harariitti buufataalee Filannoo jiran 285 keeessaa 120 galmee filattootaa jalqabaniiru.
8. Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti buufataalee Filannoo jiran 431 keeessaa 209 galmeessuurratti argamu.
9. Naannoo Kibbaatti buufataalee Filannoo jiran kuma 8 fi 281 keeessaa buufataaleen kumni 5 fi 271 filattoota galmeessuurra jiru.
10. Naannoo Sidaamaatti buufataalee Filannoo jiran kuma 2 fi 247 keeessaa kumni 2 fi 117 galmee filattootaa eegalaniiru.
11. Naannoo Soomaaleetti buufataalee Filannoo jiran kuma 4 fi 57 keeessaa galmee filattootaa kan eegale hin jiru jedhame.
Waliigala naannolee filannoo 674 keessatti buufataalee filannoo kuma 50tti hiiqan irratti filattootaa galmeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti buufataalee filannoo kuma 25fi 151 qofarratti galmeen filattotaa gaggeeffamaa jira jedhame.

Sababa hanqina dhiyeessuu meeshaalee fi nageenyaan galmeen filattootaa iddoolee hedduutti kan eegalamne ta’uu ibsame.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.