Fana: At a Speed of Life!

Cabiinsa Diinagdee fi Hawaasummaa ummata mudate furuuf xiyyeeffannoon hojjechuu gaafata -Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Amaaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan Godina Saba Oromootti bakka Bu’oota kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin mari’ataniiru.
Kutaaleen hawaasaa maricharratti hirmaatan dhimma diinagdee, Misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaariirratti gaaffii qaban dhiyeessaniiru.
Obbo Araggaa Kabbaddaan, Cabiinsa Diinagdee fi Misooma Hawaasummaa ummata mudate keessaa ba’uuf xiyyeeffannoon hojjechuu kan gaafatu ta’uu marii kutaalee hawaasaa kanneen waliin taasisaaniin himaniiru.
Keessattuu rakkoolee kanneen maksuuf dargaggootaaf carraa hojii uumurratti bifa addaan hojjetamaa jiraachuu dubbachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
Finxaaleeyyii naannicha diiguuf hidhannoon socho’anirratti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhatamaa jiruun yeroo ammaa nageenyi waaraa argamaa jiraachuu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.