Fana: At a Speed of Life!

Caffee Oromiyaa waltajjii gamaaggama raawwii bara 2012 fi qophii karoora bara 2013 gaggeessa jira

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC)- Afyaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo ergamoota gurguddoo heeraan kennamaniif irratti hundaa’uun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf cimee akka hojjeetu himaniiru.

Aadde Loomii Badhoo hoggansaafi hojjettoota waajjirichaa, waliin waltajjii gaggeeffamaa jiru irratti argamuun haasaa taasisaniin, caffeen ergamoota gurguddoo heeraan kennamaniif irratti hundaa’uun karoora bara 2013 keessatti fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf xiyyeeffatee akka hojjeetuu ibsaniiru.

Kana malees, hojiiwwan gurguddoo akka biyyaa fi naannootti karoorfaman milkeessuu keessatti caffichi gahee olaanaa akka bahuu ragaan fuula Feesbuukii Caffee Oroomiyaarra arganne ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.