Fana: At a Speed of Life!

Carraa Irreechi uumurraa fayyadamuun murteessaadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Ayyaana Irreechaa sabaa fi sablamootaa biyyittii akkasumas lammiilee alaa waliin kabajuun, barsiisuu fi hubachiisuun carraa ayyaanichi umurraa fayyadamuun murteessaa tahuu qaba jedhame.

Sirna kabaja Irreecha fi duudhaa sirna gadaa dhaloota barsiisuurrattii kan xiyyeeffatee waltajjiin marii FBC’n qophaa’ee gaggeeffameera.

Sirni Gadaa mallattoo tokkummaa fi sirna bulchiinsa diimokiraatawaa ta’uun waan mirkanaa’eef ‘UNESCO’tti akkuma galmaa’e, Irreechis addatti hambaa kiliyaa ta’ee akka galmaa’u hojjatamuu qaba jedhan Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Jiloo Maandhoo ibsan.

Sirni Gadaa kalaqa siyaasaa Kushii fi gurraachonni addunyaaf badhaasan tahus, madda Tuurizimii fi furmaata rakkoo siyaasaa taasisuurratti hanga hojjatamu qabu hin hojjatamne jedhan.

Waa’ee Sirna Gadaa fi Irreechaa hamma beeknuyyuu qabatamaan taasisaa hinjirru kan jedhan ammoo Abbaa Gadaa Tuulamaafi Barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaati.

Irreechi iddoo galateeffannaa, iddoo araaraa waan ta’eef iddoo siyaasaa tahuu hin qabuus jedhameera.

Kana malees alabaa Abbaa Gadaarra kan hafe alaabaan paartilee iddoo itti mul’atu tahuu hinqabus hubachiisan.

Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadee dabalatee Oromiyaa bakkoota garaagaraa nagaan akka kabajamuuf hunduu itti gaafatama isaa bahachuu qabus gaafatameera.

Ayyaanichas sabaa fi sablamootaa biyyittii, lammiilee alaa waliin kabajuu, barsiisaafi hubachiisuun carraa ayyaanichi umurraa fayyadamuun murteessaa tahuu qabas jedhameera.

Gammachiis Taarikuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.