Fana: At a Speed of Life!

Carraa qabeenya umamaa of eeggannoon haa fayyadamnu-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC)-Carraa qabeenya umamaa of eeggannoon haa fayyadamnu jechuun Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dhaaman.

Dhalli namaa qabeenya umamaatiin ala hiika akka hinqabne fi qabeenya umamaa kunuunsun/eeguun lubbuu eegudha akka ta’e abbootiin kan eeraan ta’uu yaadachiisaaniiru.

Duudhaan kun adeemsan keessaa laafaa dhufuun mancaatiin hedduun gahuu himan.

Gogiinsi Hara Maayaa kanaaf agarsiistuu olaanaa ta’uu akeekuun dhaloonni ammaa qaama faalamaa osoo hintaane, qaama falaa ta’aa jiras jedhan.

Kanaafis fakkeenyi deebi’uu Hara Maayaa ta’uu eeruun carraa qabeenya uumamaa of eeggannoon haa fayyadamnu jechuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.