Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Imaammata daa’ima lamaa kaasuufi

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Chaayinaan tajaajila qusannoo maatii hojiirra oolchaa turte Imaammata daa’ima lamaa kaasuuf ta’uu ibsite.
Mootummaan Chaayinaa qusannoon maatii daa’ima lama qofaan daanga’ee ture gara daa’ima 3tti akka guddatu eeyyamuuf ta’uu Shiinwaan gabaaseera.
Imaammanni kunis yaada murtoof dhiyaachuun Preezdaantii biyyattii Shii Jiinpiingiin ragga’uu ibsameera.
Murtoon kunis qorannoo waggoottaan kurnan dabaniif taasiifameen guddinni uumata biyyatti daraan gadi bu’aa dhufuu isaani ta’uu himameera.
Qorannoo bara darbe gaggeeffameen Chaayinaatti waggaatti daa’immaan miiliyoonni 12 dhalachuu eerameera.
Kun ammoo kan bara Faranjootaa 2016 dhalatan miiliyoona 18n yoo madaallame qusannoon maatii biyyatti daraan gadi bu’uu agarsiisa jedhame.
Chaayinaan bara Faranjootaa 1979 baayy’ina ummatta biyyattii hir’isuuf imaammata daa’ima 1 hojiirra oolchitee kan turte yoo ta’u bara Faranjoota 2016 gara imaammata daa’ima 2 jijjiiruun ishee kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.