Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan naannawaa Taayiwaanitti Shaakala waraanaa eegalte

Finfinnee, Caamsaa 15, 2016 (FBC) – Chaayinaan naannawaa Taayiwaanitti Shaakala waraana Galaanaa fi Qilleensaa eegaluu beeksifte.
Shaakalli guyyoota lamaaf gaggeeffama jedhamu kun Pireezidaantii Haaraa Taayiwaan ta’uun kan muudaman birmadummaa biyyattii nan kabachiisa jechuun waadaa galuu isaanii hordofee Chaayinaan tarkaanfii of eeggannoo kana eegaluu ibsameera.
Baatii tokkoon dura Filannoo gaggeeffame injifachuun Pireezidaantii Taayiwaan kan ta’an Leey Chiing Tiin, Taayiwaan dhiibbaa Siyaasaa Chaayinaa jalaa bilisa ni taasiifna jechuun dubbachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Taayiwaan kutaa bulchiinsa kooti jechuun kan amantu Chaayinaan dubbii Pireezidaantichaaf deebii kennaa kan turte yoo ta’uu, jecharra kan darbe naannawaa Daangaa Taayiwaanitti Shaakala waraanaa taasiisuu eegaluu ibsameera.
Chaayinaan shaakala kanarratti Xiyyaarootaa fi Dooniwwan waraanaa hangam akka hirmaachiifte wantii ifatti beekame kan hin jirre ta’uu ‘New York Times’ gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.