Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti ammeentaan daa’imman waggaan dhalatanii waggaa 70 as kan bara Faranjootaa 2019 isa xiqqaa ta’uun himame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Chaayinaatti ammeentaan daa’imman waggaan dhalatanii erga bara Faranjootaa 1949 as kan bara Faranjootaa 2019 isa gadi aanaa ta’uun himame.

Bara Faranjootaa 2019 keessa hammi daa’immaan dhalatanii kuma dhibba 5 fi kuma 80n hir’isuu isaa Biiroon Istaatiksii Biyyaaleessa Chaayinaa beeksiseera.

Kunis kuma tokkotti % 10.48 hir’isuu agarsiisa jedhameera.

Baayy’inni ummata biyya chaayinaa biiliyoona 1.39 ture bara Faranjootaa 2019 keessa ammoo gara biiliyoona 1.4tti ol guddatee jira.

Kun ammoo hammi daa’imman Chaayinaa keessatti waggaan dhalatanii kan Ameerikaa keessatti dhalatanii gadi ta’uu mul’isa jedhameera.

Bara Faranjootaa 2017 Ameerikaa keessatti hammi daa’imman dhalatanii kuma tokkotti %12 yoo ta’u, kan Chaayinaa Ammoo bara 2019 % 10.48 ture.

Akka ragaan agarsiisuutti bara Faranjootaa 2019 Ingiliz fi Weelsitti hammi daa’imman waggaan dhalatanii % 11.6 ture.

Bara Faranjootaa 2017 keessa akka addunyaatti reetiin daa’mman waggaan dhalatanii %18.65 ta’uu isaa ragaan ni mul’isa.

Chaayinaan bara 1979 keessa baayy’ina ummataa hir’isuuf imaammata daa’ima tokko “one-child policy” baaftee turuun ishee kan yaadatamuudha.

Hammi dhalootaa kun gadi bu’uun isaa oomishtummaa biyyatti irratti dhiibbaa uumuun isaa hin oolu sodaan jedhu gaaffii kaasaa jira.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.