Fana: At a Speed of Life!

Daabboo Shaggariif deeggarsi Birrii miiliyoonni 309 ol akka taasifamu murtaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Haala gabaa yeroo ilaalcha keessa galchuun Daabboo Shaggariif deeggarsi Birrii miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 9 ol akka taasifamu murtaa’e.

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii isaa jalqabaa waggaa 1ffaa gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Haaluma kanaan:-

  1. qorannoo fooyya’iinsa magaalichaarratti keessumaa dhimmoota bu’uuraa gaaffileen uummataa kanneen ijaarsa daandiiwwanii, misooma magariisaa, olka’iinsa gamoowwanii fi dhimmoota biroorratti rakkoolee mudatan haala waaraan furuu fi rakkoolee hojiirra oolmaa pilaanii magaalichaa waliin walqabatan sirreessuuf yaadota furmaataa irratti mari’achuun murtoo dabrseera.
  2. dhiibbaa hawaasummaa fi diinagdee uummatarra ga’u salphisuuf dhaabbilee garaagaraaf deeggarsa bajataa taasisuuf kaabineen magaalichaa murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan haala gabaa yeroo ilaalcha keessa galchuun Daabboo Shaggariif Birrii miiliyoona dhibba 3, miiliyoona 9 fi kuma 300 fi kuma 37 ol deeggarsa taasiseera.

Bifuma walfakkaatuun, dhaabbanni Hooraayiozan Pilaanteeshin jedhamu deeggarsa Birrii miiliyoona 1 fi miiliyoona 99 fi kuma dhibba 8 fi kuma 37 fi 500 kan taasisu ta’uu ibsameera.

Dabalataanis fooyya’iinsa gatii soora barattootaa irratti mari’achuun bara barnootaa 2014tti deeggarsi Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 900 akka taasifamu murteesseera.

Inshuraansii fayyaa hawaasaa deeggaruufis Birrii miiliyoonni  dhibbi 1 fi miiliyoonni 44 deeggarsi akka taasifamu kaabineen magaalichaa murteessuu ragaan Seekretariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.