Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa deeggarsa damichaaf taasiseen dinqisiifannaa argate

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Waldaan geejjiba qilleensaa Idil-addunyaa deeggarsa daandiin qilleensa Ityoophiyaa damichaaf taasise kan dinqisiifatamu ta’uu ibseera.

Waldichi yeroo weerarri Vaayrasii Koroonaa addunyaa yaaddesse keessatti deeggarsi Ityoophiyaan taasifte kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuun, deeggarsa kana akka itti fuftuu gaafachuun ibsameera.

Ityoophiyaan hariiroo imalaa fi tajaajila qilleensarraa guddisuuf murtoon fudhatte gaarii ta’uu ibsuun kanaaf immoo baga gammadne jechuun Waldichatti Itti aanaan Preezdaantii damee Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa Kaamiil Alawadii ibsaniiru.

Imaltoota talaallii Vaayrasii Koroonaa fudhatanii daangaa malee fudhachuu akka fakkeenyaatti kaasuun, tarkaanfiin kun damee kanaan qofa osoo hin taane gama diinagdeetiin shoora olaanaa taphachuusaa ibsaniiru.

Karaa biraatiin, daandichi tajaajila balallii kallattiin namoota kuma 21 oliif carraa hojii uumuusaa ibsameera.

Kanaanis diinagdee Ityoophiyyaarratti Doolaara Ameerikaa miiliyoona 81.8 dabaluu eerameera.

Maddi :- Injinariing Niwus

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.