Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota 130 bituuf karoorfachuu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa qaqqabummaa balalii isaa babal’isuuf kan gargaaran xiyyaarota 130 bituuf karoorfachuu beeksiseera.

Hojii Gaggeessaan Olaanaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfiin Xaasawu sagantaa IATA AGM Istaanbulitti gaggeeffamerratti ‘Aviation Daily’ waliin turtii taasisaniiru.

Turtii isaaninis, daandiin qilleensaa Ityoophiyaa dhiibbaa weerara Vaayirasii Koronaa irraa guutummaatti dandamachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaas qaqqabummaa isaa bal’isuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Yeroo ammaas xiyyaarota 140’n hojjechaa akka jiruu fi bara 2035’tti gara xiyyaarota 271’tti guddisuun tajaajila kennuuf akka jiraan amantaa qaban ibsaniiru.

Kanumaan walqabatee xiyyaaronni dabalataa 130 akka ajajaman akeekaniiru.

Xiyyaaronni umrii dheeraa lakkoofsisan bakka buufamuu waan qabaniif lakkoofsi kun dabaluu akka danda’us eeraniiru.

Waxabajjii 5 eegalee Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa xiyyaarota ajajaman keessaa 29 jechuunis xiyyaarota 17-737 MAX, 777FS shan, 787-9 tokko fi Airbus A350-1000 ja’a ta’uu himaniiru.

Bara bajataa kana keessa xiyyaarota haaraa 12 galchuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.