Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa badhaasa daandii qilleensaa Addunyaa afur injifate

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Iskaaytiraaksi 2022 irratti badhaasa afur injifate.

Daandichi sadarkaa 11tti guddisuun addunyaarraa daandiiwwan qilleensaa 100 keessaa sadarkaa 26ffaa qabachuun eerameera.

Sadarkaan kun maamiltootaa daandii qilleensaa addunyaarraa sagalee kennameen ta’uu ragaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan, daandichi waggoota walitti aanaan shaniif daandii qilleensaa Afriikaa filatamaa 2022, waggoota afuriif daandii qilleensaa sadarkaa bizinasii Afriikaa 2022 Afriikaa, waggoota walitti aanan afuriif daandii qilleensaaa sadarkaa diinagdee Afrikaa 2022, akkasumas Afrikaa keessaa ramaddii bizinasiin dhiyeessaa nyaataa filatamaa injifateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.