Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa baasii geejjibaa daa’imman wal’aansa dhibee onneef biyya alaatti imalan 100 nan uwwisa jedhe

Finfinnee, Sadaasa 26,2016 (FBC)-  Daandiin qilleensaa Ityoophiyaa baasii geejjibaa daa’imman wal’aansa baqaqsanii yaaluu dhibee onneef gara biyya alaatti imalan 100 kan  uwwisu ta’uu ibse.

Baasii wal’aansaafi turtii ammoo dhaabbanni Rootarii Ityoophiyaa kan uwwisu ta’uu ibsameera.

Daandiin qilleensichaa daa’imman wal’aansa baqaqsanii yaaluu dhibee onneef gara biyya alaatti imalan 4’f guyyaa har’aa gaggeessaa taasiseera.

Walitti qabaan boordii daandii qilleensichaa Girmaa Waaqeen sagantaa gaggeessaa kanarratti haasawaa taasisaniin, daa’imman baraaruun dirqama keenya jedhaniiru.

Saganticharratti Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindiifi Ofiisarri olaanaan Rootarii Ityoophiyaa argamaniiru.

Tigist Asmaamaawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.