Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Xiyyaara Ityoophiyaa daandii xiyyaaraa addaa Afrikaa 2020 ta’e

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Daandiin Xiyyaara Ityoophiyaa daandii xiyyaaraa addaa Afrikaa 2020 ta’e.

Daandiin Xiyyaara Ityoophiyaa badhaasa Biizinasi Tiraavileriin daandii xiyyaaraa addaa Afrikaa 2020 ta’uun badhaafame.

Badhaasni kun gama barruu Biizinasi Tiraavileriin ifoomeera.

Barruun kun sagalee dubbistoonni laatanii fi firii dhaabbanni qorannoo bilisaa ta’e gaggeessen badhaasni kun Daandii Xiyyaara Ityoophiyaaf akka laatame ibseera.

Gamaaggama baatii Faranjoota Eeblaa 2020 hanga Waxabajjii 2020 gaggeeffameen badhaasa laatame ta’uu barruun kun beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.